Osriis amanatii kuush
amantii waq-takkaa
argama dhal-namaa
hundee Baha Afriikaa
gurraachinni dhugaa
dhugaan gurracha-haqaa
imimmaan dhalootaa
turee dhara- hankaaka….
Gumgumaan garaa cabbi
leemmoon garaa taliilaa
tokkichi maqaa dhibbaa
gurraachi garaa garbaa
waaqayyo abbaa falaa
gamna gabrummaa jibbeef
laata furmaata eebbaa!
Tulluu tabba ba’ee
malkaa hora bu’ee
irreen irreefatee
dhibee dhibaafatee
hoodasaa dhaqatee
sabi dhugaa moo’ee
waaqatti iyyannaan
mooraan milkii toltee*****
handoodee jalatti
golfaan lammii moortu
“Handaar-bachoon
Xaddee”
dhibaayyun hobbaate!!!!!
***************************************
Walaleessituun: Lanjoo Galchuu Ida’aa