Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Atooraraa Baranaa.

$
0
0

atoorara warra waaree
ka jiru jiruu’n ijibbaatuu
kadu’ee mataa maree
reeffaafi raafu nameenyaa
nyaattutu cabse irree #
daddarba garbu urgooftuu
gifaara dhibe haftuu
haafoftuu si eemaree
miidhama nama ammaa
mareen hinfurre hiree!
akka waaqaatiif jirra
akka ormaa yoo laallu
silaa nam-nyaatte
sareen!!

saree qarriffaan fardaa
afracha lachuu’n qabuu
kan arginu dubbannaa
inni dhoksaan raawwatan
itti ta’eera cubbuu!
marartoo mee xinneessaa…
imimmaan lakku labuu…!
kan nu’ajjeesu warbaa
kan du’aa jirus lubbuu
lubbuun lubaa inturuu
libsuu ijaati libuu***
amma qabamee garru
amma gatanii darbuu
kan hidhaniin sibiilaa
akka ibidda dibaa
diddibaniii affeellaan
affeelanii dhimbiibu!

himannaa hinshukullee
afaaniifi xalayaan
kan himatamnuun dhugaa
kan yakkamneen Oromiyaa
Oromiyaa waaq nu-kenne
ormi kennaa fakkeessee
waaqi eenyuu awwaataa?
“itiyoophiayaa
ijjuwaan zargetaa”???
miil-Oromiyaa dhiigsee
kan baadhatuu hinboonyee
tan baadhatamtu boossee…
adunyaan kun akka akkaa
daree irkoo hinqabnee
alli taa’aa hinqabuu
manni taa’un obsine!!!!!

aanaan goromsaa ba’ee
silga ta’ee areeraa
furguggee taatu ulee
murxuxxee taatu ullaa
barri obsaa darbeeraa
mammaaksi warra golaa
kan dhokatee baafatee
kan baafate maal malaa??
xiixaaf xiixxuun yoo iyyu
iyyituun yuusee-lolaa
findigaa gaa’il durbaa
daraboo sanyii dhiiraa
wal-qabatee godaanaa
walirra du’ee galaa…!
kan waraabessaa carraa
harreef duuti galgalaa
galtee fi gantuun lammii
ayyaana qaqqajeelee
gaafuu wal-dhabbiin turee
gaafas araaraan oolaa…
aamna dhugaan deebi’e
baqataan leelee laalaa….
yaa Rabbi @-nu’oolchi
Qe’ee ofiit-kajeellaa!

****************************************

Waloon:Lanjoo Galchuu Ida’aa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>