Moo-anbessaan hiddaa
ze’emneged yuhuudaa
nugusa nagast
Walloo Warra Iluu
fuudhaafi heerumaan
moggeef guddifachaan
al-kudhanii lolee…
warri horteen leelee
warri ilaalchi budaa
humnaanis quphanee
Oromiyaatti galee
Goljaan warra baddaa!
ragaa bakkaa namaa
waabii hortee harmaa
danuu qabaachuu kee…
akkamiin waakkataa
Sabboonummaa Walloo
dhaloonni si’anaa?????
dirree qabsoo sabaa
sirna gadaa sagal
dirree waraan- saddeet
torbaatamii lamaa…
teewdroosii hayileen
sidulee dabareen
hortee kee awwaalee…
qabda seena suuraaa!
Irraabaraa jira
dhaloonni alanaa
qaamaa qalbiin ka’ee
dhaloonni hegeree!!!!!
Oromoof Oromiyaa
dullii nafxanyootaa
duruu itti- jiraa
teewdroostu cabsee
Oromoota Walloo
dallaayatee shira
Warqitiif Mastaawat
banaatii dubbisaa
injifannoo boonsaa
wal-aansoo handhuuraa…
****************************
Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa