Gaazexessaa Misoomaawaa(GM)fi Leenjii Leenjifamtoota(LL)
GM:mee maqaa keessan?
LL: maqaan dur nubadee ammaaf feetan harree, farda, gaangee, yooki sangaa nuun jettanis komii hinqabnu?
GM:maalirraa kaatani akkas jettu?
LL:galma abbaa gaddaati kaaneeti ! dur dur fardaa sangatu leenji’ee garbuufi bishaan soorata, amma gaangee harree taaneetoo akaayii garbuufi bishaanin leenji’aa jirraafu…
GM:leenji kanarra maal hubattan ? garaagarummaa sirna duriifi ammaa jiddu jiru akkamiin gamaagamtu?
LL: akkuma qorannoon gamaagamamnutti ! sirna darbetti dargaggoonni keenya adda waraanatti fudhatamanii dhumaa kan turan haala mijaa’aa mootummaan dimokraataawa kun amma uumeen ilmaan biyyaa osoo qe’erraa fagaatani baasi dabalataaf hinsaaxilamin rasaasa hinbeenneen qalamaafi waraqa wajjiin laalcha misoomaawaa akka qabaatan tokko shaneefi raayyaadhaan ajjeefamusaanitiini
GM: mee walqixxummaa koorniyaa mirkaneessurratti waan hojjetamaa jiru akkamiin ilaaltu?
LL: ija tarsiimotiin ilaalla ! maaliif yoo jettan biyya tana keessatti tanaan dura gaaffi mirgaa gaafachuuf baayyinnaan kan sodaataa turan warra dubaraati amma garu mootummaan nageenya lammiileetiifi misooma ariifataa itti-fufsiįsuf echa humnoota farreen nageenyaarratti tarkaanfi doorsisaa,hojjirra ari’uu,baqachiisu,hidhu akkasuma bakka argametti adamsee ajjeesutiin walqixummaan dhiiraa dubaraa mirkanaa’ee dhirri cufti dubartoome walfaana qixa du’aa jirra
GM: hordoftoota keenyaaf dhaamsa yoo qabaattan?
LL: leenjii garbuu faanti kooraa …faanoo fafaa qeensan dabraa…
GM:wanti hindabarre maali?
LL:SEENAA
Barru :Lanjoo Galchu Ida’aa