Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa
dhaha keenyarratti
ayyaana mee dhahaa
shanan urjii boodaa
kudhaniifi tokkoon
korbeessa hariyyaa
tokkicha gorra’aa
bona booqe warraa
bittinsaati “luqaas”
kudha torbaan ba’aa…
bitaan baasaa mirga
digdamiifi torbaan
torbaanin hobba’aa*****
“luqaas” ree dullachaa
dullachi luqqa’aa
duraa balloo laalaa
laalaa urjii-bakkalchaa
dhaha jireenyaatin
jiraa du’aaf laachaa
jara jaarraa moo’aa
labsadhaa moo’icha#
ayyaani ilmaan kormaa
areerri ilmaan jaarsaa
adullaan keeny-duraa
dureen keenna aarsaa
kan sodaatan caalaa
kan fedhantu dursa!