Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa
mogaati ilma duraa
sirnisaa gubbisa
moggee ilma garaa
sirnisaa guddisa
ka gubbìsaa goobee
maqa baasaa qabaa
ka guddisaa eegee
maqaan qabu ambaa
ilmaan kormaa adullaa
ilmaan jaarsaa durba!
godiyaan sabummaa
gammee guddifataa
godiyaa ilma ormaa
dhiiratu dubrummaaf
shurrubbaa dhahataa
dubratu dhiirummaaf
gaayyaa harkifataa
dhalli akka dhabee
ka sila wal-dhaalu
kormoomee maseene
dhawaanni dhalootaa?
galma man-gubbisaa
waddeessaan dhaabanii
galma gar-guddisaa
shiboón ejjeeranii
kan biyya danqare
dongoraan sibiilaa
bitimaa cuffanni