Quantcast
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Hirmaata Dubbii

Bara afaan kan kee
arrabaafi hidhii
xuuxuu bira’n darbin
dubbataa arraataa
dubbachiiftuu aasxaa
dabareen dhalootaa
bira gahee’n argin
hirmaata dubbiitin
laafaafi jabaa kee
jabeessi laafaa kee
tumsi sabboontota

amaanan kee dhiigaa
jigee lafa’n badu
hiddi kee ni lataa
dhugaan ati qabdu#

tokkummaan dhalootaa
fiixaan kee-daraaree
akka Odaa Nabee
akka Odaa Roobaa
akka Odaa Bultum
akka Odaaa Dubluq
akka Odaa Bisil
akka hortee kuushii
magaree dagaagee
bara baraan cehee
callaan kee bargaage~~~

akka biiftuu Iyyaasuu
baatee ati’n lixxu
hinboorahu garaan
dhiira dhalee mixu
xaraa bonni wixeef
jawween ganna xiixxu!!!!!

ulfinni ati dhabde
boorotti deebi’aa
bobbaafi galli kee
bari’ee hanga’aa
agareen kee badee
dukkan- duubaan
ba’a…*
birmannaa hirmaataa
dubbiin kan kee moo’aa %

*****************************************
Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>