Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Hamma-Re’ee-Sa’aa

$
0
0

Shanoonis  “qimbibit”
Ejeree “addis alem”
Haxaayee “efetseyon”
Collee “debresina”
Qaree gohaa “gowatsiyon”
Ifaanis  “yifaati”
Angoo lolaan dhabne
“angowalel” furrifnee
gumaa sa’aa  namaa
irbuu seenaa baafna….!

Dhummuugaa “tumugaa”
Lammiin ta’ee “lamii”
Roobiin ta’ee “roobit”
Hankoobar “anko ber”
Mana jaarii “menjaare”
ijaaratte qawween
Dhalli qalbiin diiga*

Tulluu maraa “tulu amaara”
Tulluu cabbirraa “chaber”
ciincaa warra dharaa
Naqamtee “leqemte”
Leeqadhaaf handhuura
Haroo Saabbuu firaa
“Alam teferi”dhaan
Buusan jarri yaraa!

Bootee “alem tena”
Horaa Laaqi Danbal
Waayyu ta’ee”zeway”
Bishooftuu “dabrezeyt”
Adaamaa “nazeret”
Bultii Bulikaa keef
“bulga”n bulgu bayaa!!!…

Jiruu’n miti “jerru”
Haara Re’ee “hararge”
Dirre-dhawaa “dire-dewa”
Afata- isaa “afettessa”
Eerar miti “yerer”
Ka-barri ukkaamse
Bobokokee dhoosa!!!!!*

Dheedheeraa’n “dadere”
Haqaaqii’n “aqaqi”
Hamma-Re’ee-Sa’aa
hanqatee qalamee
reeffa ekraa jumlaa
jildii ta’e awwaalli
“hameressa” dhaqi #

Bishaan Diimoo“bisdimo”
Malkaa Sa’aa “melkasa”
Haroomaayaa “alemaya”
Afran qal’oo Ituu…
Mataa Haaraa goobsaa
”metehara” lootuu
Oborraa’n waboodha
“webera”nis galtuu
Cuqqaalaa “zeqewala”
Oolan Citii’n lollaan
“walenciti” mootu*****

Abboomsa “tensae berhan”
Arba Juujuu “arba gugu”
Caancoo “debere selam”
Gunaa “debere werk”
Angaado “teferi berhan”
Ardaa Ittaa “ardeta”
Sa’a Gurree “segure”
Arsii miti “arusi”
Hassallaa “asela”
Aanoleen siif irree!!!

Gooda Bombii “tatek sefer”
Oolan Komii “welenkomi”
Bubbee “yerga dejen”
Yaa’aa Bal’oo “yabelo”
Kuukkuu “hagere mariam”
Adoolaa “kebere mengest”
Ciroo “asebeteferi”
Hoolotaa “genete”
Walisoo “giyon”
Amboo “hagere hewot”
Hadhaa Adii “adadi”
Maqaan jijjiiramu
Magaalota Oromoo
keessaa alaa didi

Wacaalii Walda’aa
“wechali weldeya”
Warra Himannoo
“werayemanu”
Jajjuu ta’ee “yeju”
Ganda Aliyyuu“gendeliyu”
Amba Aasel “ambasel”
Marsaa “merresa”
Ambaa alagee “ambalage”
Walloo Oromiyaa
Oromummaan dhiige!

Mandayyaa ree Baalee
Karaa Maraa” karramerra”
Gaara sibiilu “menelik”
Waabee “webe” laalaa
Buree Abbaa Gunaa
“bureabAguna”faallaa
Ilmaan Dheensaa Aabbaayaa
“elmana densa abay”
“fasil awraja” mi
Shabalii“shebele”
Hawaasa “awaasaa”
Iluu Abbaa Booraa
“elubabur” qara
Dabbasoo “melekiya”
Dabeessaan mormaatii
Gameessaan Ofkola…

************************************
Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>