Hidhaa fi ajeesamuunn
Rooroo fi gidirfamuun
Saamamuu fi baqachuun
Alagaan tufatamuun
Kaayoo keenya irraa
Duubatti nuu hin deebisuu
Haamilee nuu cabsee
Mogoolees nuu laafisu
Mirga keenyaaf jeecha
Hin dhiifnuu falmachuu
Ottoo duutti silaa
Hamilee nuu cabsee
Dur bar sana ture
Kan falmachuu dhifne
Bara minilikii
Harkaaf haarma mure
Ottoo abdi kuutanee
Yeroo sana turee
Akkaakilee fi abbaabilee
Abboodhaa fi haarmee
Meeqa galaaffatee
Garuu nutti abdi hin muree
Yaa bada qaaloo
Dachee lafa gumaa
Namni siibira gahee
Maaliif hiraarfamaa
Issa bira darbee
Maaliif ajeefamaa
Attoo kanuum keenya
Maaliif nuu gurguurtaa
Alagaa offitti aansitte
Maaliif nuun nu dhibdaa
Maaf taata mee lafa lafee gumaa
Qaallitti dachee abbaaramaa
Alamaayoo obsiinee
Gaadisaas obsiine
Atti cacaliisnaan
Nuu dhiisteeta seene
Nuun nuu dagachiifte
Maaliif nuu qalataa
Tasfaahuun gooticha
Maaf nuraa fuudhattaa
Qaaloo lafa gumaa
Mee natti himi dhugaa
Maaliif nu qalataa
Maaluumaaf nuu darartaa
———————————————–
- Bosoon Futasa irraa
Melbourne Australia