Kan Walaleesse: Eebba Coqorsaa
Seerri kee hundaa olii
duudhaa kee eeggadhu
seer-jalatti bulii!
Namni seeraa gadii
seerriis gubbaan gumii
irreen sin ukkaamsin
humni sin buruuksin
gubbaan gugadhuutii
jalaan seera tumi…!
Akka seera Makoo
seera Makoo Bilii
dubra wayyoomteetti
dhiirti inbu’in tarii
hadha mana’n qabnee
qomotuu ijaaraa
hirphee tumsa firri!!
Seerri muummee seeraa
inni ture kalee
nama mitii biyyi
ulfinaan kunuunsa
sareefii adurree
akkamiin seer-namaa
seera gumii caalee?
Seera nama tumaa
gumiin waliigalaa
akkamiin bar-cufaa
seer-tokkoon durfama
hawaasi bar-maraa?
Baraaf nama fidaa
bu’uura jijjiirraa…!!
Makoo Bilii Maccaa
Daawwee Gobboo
Booran
Booranticha booraa
akkamiin baafataa
kan- du’e hafuura?
Jaarraa aangoo keetiif
bikka yeroo gadaa
waggaa saddeet dhiistee
baallii kee fudhattaa
waggarraa kan gaddaa
jiraan kan awwaaleef
du’aanis gadooda!