Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Suuta Siqaa…!!

$
0
0

Kan Walaleesse: Eebba Coqorsaa

Bubbeen dhootuun
booree….
Boolee lafa faayaa
hafarsituun joollee
joollee jarreen-bayaa
bubbistus callistus
foddaan dhugaan baduu
balbalti haq-waaqaa
galata maaf dhabdee
awwaara ol-kaafti
dharti lafee- raqaa!
………………………..
Dhugaan suuta siqaa!!
………………………..

Bibbessaa leenjisuun
kormaa dhaltiin
ingodhuu…
Birbirsi hafuuraa
qilleensa’n dalla’uu
birbirsa hafuuraa
kan ofii qileensaa
kan qilleensi isaa
akka laf-gammojjii
akka hurf- raasaa
qilleensa baddaatiin
babbadaa bubbisu
awwaar-kaastuun
raaree…
Awwaal-saamtuun
darree…?
Bubbeen sob-hasaasa!

Dhugaan baysaa dammaa
damma dhadhaa eebbaa
sabareen hincabuu
samaan hincoccobuu
addaannoon inbeekuu
adiifi gurraacha
areera adurreef
baaduu dhuddo raacha
waliin-makuuf ta’aa
waan walin fakkaanne?
Booruu awwaar-booleef
baarree baattuu mi’aa!!

Mi’aan jennu aannanii
isatuu ititaa
itituun ro’aayaa
raasamee  irbamee
guchum-dhadhaa
bayaa…
gootuu awwaar-tolcheen
malkaan guutee yaa’aa ?

?????????????????

Hinguutuu malkalleen
hinguutu galaannii
hinguutu garbillee
hinguutan haroonnii
qalbiinsaanii banaa
ganna wayita roobaa
garaansaanii cufaa
guutuu wayita sobaa
guchumaan hir’annaan
awwaara kaasanii…
bubbeef kennu saba!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>