Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Urgoo!!

$
0
0

Kan Walaleesse; Eebba Coqorsaa

…………………………….

Barii birraa bonaa
bona hoongee gannaa
gombisaan uramee
raammoon uree mana
qaqaan onaa jigee
gannaanis awwaaree
bonaanis dhimmisaa
dhimmuun mana diigee
gidduu lamaan keessa
malli jiruu dhibee
malaan gurraa darbee
daadarkaan jireenyaa
du’aaf jiraa keenya
walfaanuma sarde!!

sardama nam-ofii
nam-ofiin jiraannee
niinnoo jiruu hirribaa
hiree hinguuttamne
guyyarraa fiffiigee
akka allaattii keenyaa
booranni waakkatee
jiruu biyya duniyaa
baarentu himatee
komii dhala kale
kochoo Anaaniyaa…

eyyeen kochoodha
jiruun tun
bonaa ganna qabdii
halkaniifi guyyaa
boyyichaafi kolfii
du’aafi jireenyi
walakkaa waa cuftuu
walakkaadha giingoo
asiin yoo xiraa’uu
adunyaan fokkuun tun
babbareeddee tarii
nam-ulsiifti urgoo!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>