gosa muka ibiddaa
balbalti sagalii
kudhan manni jirmaa
kan Ulee Maxxaarrii
boba’aan kobootaa
bar-badaan dibamaa*
muudi qaallu eebbaa
maxxaarri qabaataa
muknii qoraan bobbaa
maaxariif hiixataa
waddeessa ‘hinqabu
afuuffaan kobootaa~
faltiin waan loonitii
kooshen maq-gubbisaa
bubbeen booron baatii
qaanqee aartuu aarsaa*****
ulee maxxaaritiin
ibidda qabsiisa!!
********************
Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa