Ta jibban duraanuu
madhaa maatii dhaaltii
arat kiiloo miti
tee Tulluu Daalattii
sadist kiiloo miti
Caffeen Tumaa keeti
Oromoon habashaa
Oromiyaan xoophiyaa
jennaan jenne malee
adurreen adalaa
hiddi odaa kanaa
hidda odaa gamaa
Addiis dhabaa miti
Finfinnee handhuurti!!!!!
qaraaniyoo qaraa
lafti isaa Jaamoo
baambisis hinjennee
Malkaa Obboosheeti
maqaan dachee qomoo
markaatoo barandaa
massaalamiyaa’n lilmoo
amaanu’eel hospitaal
Sokorruudha sonni
magaalaan Finfinnee
maqaamnisaa naannoo#
Karaa Akaakooti
bishooftuu man-gaddii
Karaa Miixxee gori
goojjaam man-badii
Karaa Aloo qabi!
ka- hayilee man-didi !
Tulluu Fichee-shogolee
Laaftoo Tumtuu-nifas silk
fel wehaan- boorahe
Hor- Finfinnee maddii…
Harbuun kee kaazaanchiis
Araadaan kee piyaassaa
Mana Abbichuu haalee
faransaay lagaasiyoon
Madaroo ayyarxeenaa
Tulluu Xixaa maqsaa
inxooxxoo moggaasee
qaajjibuun arfaasaa
Finfinnee qorqatee
hoomaan awwaannisaa!!!!!
Dhummuugaa- ginfillee
Dhakaa Araaraa-fit bar
Dhakaa Booraa-22 maazoraa
Mujjaa-shiroo meedaa
Golboo-goofa safar
Jaajjaa-Beera xiggee
Waayyu –madaanaalam
Tulluu Diimtuu-baat-garbeel
Garbi –sangaa taraa
Akaakuu –raagu’eel
Xarroo –haxanaa dharaa
Tullu Ejersaa –maaraam
Dachee Golbaa golgee
argee Addis katamaa ??
moofan manzee yaraan
Diddiimtuu-beenshaangul
Harbu Irreechaa-reef-hayilu
Sulula Garbii-taklaaymaanoot
Boroo Kormaa-gollaa mikaa’el
Qabbanaa’a-qqabbannaa
Baddaa Ejersaa-reef-kaasaa
Adaamii-ruufaa’eel
Masoo Maqaan Holaa\!…..*
*********************************
Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa