Gaarri Baddaa ‘llaatti (Baddaa Allaatti) giddu-galeessa Oromiyaa Aana Sabbataa Hawaastti argama. Gaara xiqqaadha. Ta’uus, qonnaan bultoota naannoo kanaatif oolma guddaa oolera. Qonnaan bultoonni gandoota akka Waleefi Eekkaa, Dabaal-Andoode, Boonde fi Dirree keessa jiraatan lafa margaa kan dheedichaa looniif oolu naannoo gaara kanaati waan qabaniif waqtii gannaa loon isaanii asitti bobbaafatu. Kana malees, qonnaan bultoonni lafa fagoo kan akka Awaash Caffee Bal’oo, Tajii, Hiddii fi kkf lafa dheedicha bitatanii yeroo lagni Hawaas (Awaash) guutu darabaa loon isaani qabatanii gara gaara Baddaa ‘llatti fi naannoo isaa fira qabanitti godaanu. Yeroo birraan bar’ee lagni hir’atu loon isaani oofanii gara naannoo isaanitti dacha’u. Kanaaf gaarri Baddaa ‘llaatti lafa bacaqii gannaa jalaa dawoo itti galanii bara dabarfataniidha!
Kana malees, naannoon gaara Baddaa ‘llaatti gootota Oromoo kan diddaa gabrummaatiin fincilanii bosona galan kan akka Yaadatee Daammasa fa’aaf dawoo ta’ee akka tajaajila ture himama. Kanaaf ragaa kan ta’u tarii holqa naannoo gaara kanatti argamudha. Seensi holqa kanaa dhiphaadha, garuu keessi isaa bal’aa fi karaa gaara kana jalaa kaase gara laga Hawaasitti baasutu lafa jalaan jira jedhame amanama (ragaan qorannoon deeggarame garuu hin jiru). Inni kunis da’oo gootota kanaa ta’uu hin oolu jedhame shakkama.
Kaayyoon ykn ergaan walaloo tana kallattiidhan gaara Baddaa ‘llaattii jajuuf miti. Gootota gurguddaa kan akka gaara Kilmanjaaroo jiran, kan bilisummaa Oromiyaatif lubbuu dhaban baayee akka qabnuu, garuu keenya akka hin baranne taanee waan guddaneef isaan dhiifnee kan alagaa warra nu gurguraa ture jajna . Kun iddoo tokkotti akka dhaabachuu qaba. Lafaa dhufaan keenya waa’ee gootota isaa irraa seena gootumma isaani baratee akka ittiin boonu fi kaayyoo isaani akka galmaan gahuu wal barsiisuu qabna. Anis walaloo gabaabdu tana yaadannoon ishee Yaadatee Daamasaatif akka taatu Baddaa ‘llaatti jedhee barreessera. Yaadatee Daamasa weerartuu xaaliyaanitis ta’ee kan gabroomfattu habashaa Oromoof diina akka tokkooti jedhee irratti finciluun injifannoo gurguddaa goota galmeessiseedha. Dubbistoonni Yaadatee Daammasa eenyu akka ta’eefi waa’ee gootummaa isaa waan xiqqoo baruu barbaaddan, barreessa kana teessoo kanaa gadiitin qunnamuu dandeessu. Mee kunoo itti dhuyaadha walaloo.
Gaara biyya kooti yaa Baddaa ‘llaatti
Mee akkam nagumaa, jirtaa fayyaa keeti?
Mukkeen kee miidhagoon isaan gooda qilee
Nagumaan jiraani rakkoo tokko malee?
Waraaboofi Jaldeessi, Weenniifi Hilleensi
Sardiidafi kurupheen hundinuu bineensi
Simbirroofi lootuun munyuuqxuun daggalaa
Rakkoo tokko malee hundi nagaan oole galaa?
Burqaan kee qulqulluun taliilli Xabalaa
Akkuma kaleessaa hara’as yaa’a oolaa?
Yaa Baddaa ‘llaattii gaara biyya kooti
Mee akkam naaf jirta ati fayyaa keeti?
Hogguun si yaadadha takka hin irraanfadhu
Tulluu qaxxaamuree deemellee fagaadhu
Seena mooti gaaroota dhagahees baradhu
Kan si naaf qixxaatu tokkolle hin argadhu
Millaakoo ijoollumman sitti diriirfadhe
Qilleensa qulqulluu keetinan guddadhee
Firii mukaa nyaadhe bishaan burqaa dhugee
Burraaqe taphadhee oliif gadi fiige
Eeyyee …
Muummee kee irrattin gaarif yaraa arge
Kan si argee hin beekneef hurufa fakkaatta
Anaaf mooti gaaraa hundumaa naa caalata
Kiilimanjaroo koo mee akkam naaf jirta?
Mee garuu … yaa Baddaa ‘llaattii!
Oolee bulee jennaan sammu koo keessatti
Gaaffii natti ta’e waa’een maqaa keeti
Maalif siif moggaasan “Baddaa ‘llaattii”?
Ati waa dhageessee beekta iccitisaa,
Waa sitti himaniiruu manguddoon kaleessaa
Baddaa ‘llaatti jechuun maali hiikaan isaa?
Tarii Allaattin Dirree Dhawaa …
Kan foon malee lafee hin nyaatina jettu
Guraamaleen galma Abbaa Gadaarra marmaartu
Qooqa mimmi’awwaan hunda kan dubbiftu
Harargeedha kaatee Arsii qaxxaamurtee
Shaawa Jimmaa Iluu Walloofi Wallagga qubattu
Baalee erga fuutee Gujii fi Boorana hundaaf kan labsitu
Yeroo shawaa geessee dadhabdu si biraa kan qubattu?
Kanaafi laata kan siin jedhan “Baddaa Allattii”?
Mee naaf deebisikaa maalo gaara biyya kooti
Allaattii baredduun isheen guraamalee
Haati seena guddaa sagalee kiilolee
Maal jettee faarfatti yoo qubattu qilee?
Eenyuun fa’a argitee mee eenyu dubbiftee?
Ergaa ijoollee Baalee eenyutti kan himte?
Marmaara karaa Leemman goota Tullu-Boolloo
Yaadatee Daammassa qunnamteetti maaloo?
Mee maal itti himte maal fa’a isaa jettee?
Goonni akka keetii Arsii- Baalee jiraa
Abdii hin kutatiin jabaadhu yaa firaa!
Leenca si fakkaatutu gaara mula’ataa jiraa
Kophaatti hafe jettee hin yaadin adaraa
Isa onneen dhiiguutu Horroo Mandii jiraa
Jabaadhu falmadhu guyyaan dhiyaateera
Jettee itti dhaamtee onnee saa kakaaftee?
Natti himikaa maaloo yoo gurraa qabaatte
Yaa gaara biyya koo yaa Baddaa ‘llaatti
Odeessi hin dhoksiin waan beektu icciti
………………….Yaadatee Daammasaatif.
**********************************************
Tasfaaye B. Birmajii
tesfayeber@gmail.com
Bonn, Germany