Kan faca’ee marguu
rooba ruudaatiifi
aduu ruudaa ta’uun
qilleensi jiraachuun
ruudaa bishaan gubbaaf
dachee bishaan jalaan
gidduu kanaan ba’uun
seenaan sitti himamee
akka bishaan gubbaa
manyeen isaa yaa’uu…
seenaan ati qabdus
lolaa bishaan jalaa
kuusaa qaama afrikaa
akka ta’e beektaa??
Imaanaan kaleessaa
rimaanaa dhalootaa?
Ofii laaltee beettaa?
Kallatti afran keen
afracha’n inciniinne
dhihaafi kibbarraa
kaabaa akka’n qabnee…
yoon laalin siif himaa
inni ati’n argin
goda “johannesburg”
qonna “rivonia” tti
kunoo bara sana
dhugaan ati qabdu
bara hegeree bahaaf
haa buluuf dhokfame!
Dhugaa kan kee
dhoksuuf…
jiraa keetiin falmaa
jiruun falaasamaa
jiraa kee awwaaluuf
garaa dachee jalatti
bolla ciqileensaa
dhundhuma digdamaa
kan si kaa’ee rirmaa
rirmaan faltii seenaa!!…
Atilleen dhokfamtee
achumaan inhafnee
bona digdamaafi
hongee torba turtee
du’aa jiruu jidduu
hafuura qulqulluun
soba saaqxeee baatee…
Gurraachii afriikaa
buburreen
gabroomee…???
Hambaan seenaa oromoo
sheenaan ugguramee!!
“nicholas wolpe” ’faana
“liliesleaf” keessatti
abbaan bilisummaa !
Maadiibaan kan dhaame
shuguxiin “makarov”
dhib-lamaa rasaasaa
“khaki uniform”ii
kafan-aarsaa-boonsaa
xiiqii kennaa booreef
fafa –dhiira- biflee
gaachana kan ta’ee
geneeraal taaddasaa
gooti oromiyaa
falmataan oromoo…
gaabbiin dabree kalee
ekeraan way ciisaa…!! ??
Sabni qabu booree?
—————————————————-
Walaleessaan: Eebba Coqorsaa