Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

NAMORATUNGA

$
0
0

Akka dhakaa lafee
akka namoratunga
yoomuu cululuqii
akka haroo Turkaan
Liinchiis sin daaww’atin
Roobiins sin lollaasin
aduun sin goggoysin
torban Urjii Booran
kuush bahaa sin dhoorkin
ji’a 12 f guyyaa dhibba 3
fi shantamiifi afur
waan addaan si qoodu
herregadhuu morkiin
teeknooloojii baraa
“Radio Carbon Dating”
Samii dukkan-keessaan
Bakkalcha  kee argiin!!

Guyyaafi baatiin kee
baatiifi waggaan kee
ayyaantuun himamee
aayaan jiruu keetiif
ayyaanni  jaarraa kee
jaarteedhaan jaaramee
jiraa fi du’aan kee
du’aafi jiraan kee
waliin dheengi’amee
ulfoon kee ulfaa’ee
dhalli kee hobba’ee
dagaleen wal-waame!

Dhalli  kee eelgaddaa
dheengaddaan utubee
utubaan dheengaddaa
kalee tiruun goobee
har’a jirra jechaaf
mataa kan kee cabeen
maqaa kee himannaan
moggeef guddifachaan
harma hootuuf lootuun
makoon mammaakamtuun
moortun mullifatte
yaada ishee gajabe!

Ani abalu jedhee
akka waaqi uumeen
lammiin yoo of- yaamu
hiika ofii’n beekneen
maqaa itt-baasanii
marti ni awwaataa
akkamiin tilmaamuu??
Moo ??…
Harreen haada kutte
itti-gabaabataa
tikeen itti haa-himuu!!?

Baha biiftuu jiruuf
seensa aduu amajjii
bittaaf mirga biyyaa
masaanun fajajaa
gola-cufaa eejjii
dhaabbattee ineegin
dhaha urjii raajii
guca ta’uu baattus
goobanaatu jaajji!

Sabi bal’aa Afriikaa
maqaa moggaasatiin
dur-awwaachaa ture
har’a of-beekeeraa
sarmeetoo’n awwaatuu
salphina dhaalchisuuf
labata hegeree!!
Gola tokko gallaaf
akkamiin dhaaltummaa
boollaa mirkaneessaa
hantuutaaf adurreen?
Adamsuuni mitii
adeemsa biiftuutiin
lakkaawwannee guyyaa
carraaqqannee baatii
wawarraaqnee waggaa
waarii keenya raagnee
murteeffanna hiree!!

——————————————————–

Kan Barreesse: Eebba Coqorsaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>