Yoom laata……?
Sabni koo gurmaa`ee tokkummaa jabeessu
Rorroo bara dhibbaa of irraa deebisu
Yoom laata….?
Guyyaan tokkummaan laafe deebi`e jabaatu
Gaaffiin bara dheeraa deebii itti argatu
Yoom laata……?
Guyyaan waldiguu dhisne itti wal ijaarru
Kaayyoo tokko jalatti waliin kan hiriirru
Yoom laata…..?
Kaayyoon qabsaa`otaa galma itti gahu
Habjuun isaanii sun kan itti dhugoomu
Yoom laata…..?
Hidhamuun barattootaa
Ajjeefamuun hayyootaa
Buqqifamuun qote bultootaa
Itti argatu furmaataa……..
Yoom laata……?
Oromoon jabaatee tokkummaan dhaabbatu
Haacuccaa fi roorroo kan ofi irraa qolatu
Mirga namummaa isaa kan itti falmatu
Aadaa fi amantii isaa kan itti tikfatu
Guyyaan sun ni dhufaa guyyaan bilisummaa
Wali gallee kaanee yoo uumne tokkummaa
Irree tokko ta`un yoo faciifne gabrummaa
Argachuun hin oolu mirgaa fi birbadummaa!
IUO
Barreessituun: Hawi Chala