Kan Barreesse : Tasfaayee Birhaanu Birmajii | Amajjii, 2013
Weellisaa hangaftichi maqaa kolonii Xilaahuun Gassassa ykn maqaa dhaloota Daandanaa Ayyaanoo Guddata tiin beekamu danddeetti wallisuma isaatiin sadarkaa toophiyaatti dorgomaa kan hin qabne akka ture eenyuu raga baha. Sirboota Afaan Amaara sirbuun caalatti beekamus darbee darbee sirboonni Afaan saba isaa kan Oromoo maxxansa isaa keessaa dhabamanii hin beekan. Barruu tokko irraa dhiyeenya akkan dubbisetti, Xilaahuun maaliif Afaan saba keeti Afaan oromoo caala maalif sirboota afaan Amaara sirbuu filattee jedhamee yeroo gafatametti kan inni deebise haala qabatamaa yeroo sanaa yoo ilaalle waanuma dhugaati ” Dhuguma dubachuuf walaloo afaan oromoon hin dhabne, oromoota biraa walaloo Afaan Oromoo hedduutu naaf kennama yeroo yerootti. Isaan keessaa tokkollee sirboota afaan amaara keessa buusee sirbuuf gidiraa meeqatu narra gahaa” jedhe.
Gaaffii kana kan gaafatame baruma sana malee erga barri darbee miti hubadhaa. Yeroo sirna nafxanyaa sana waltajjii adda addaa irratti weellistu Buzuneesh Baqqala waliin Afaan Oromootin sirbee wayita bahu maalif sirbite jedhani dhaagaadhan karaa irratti eegani reeba (dhaana) akka turanillee namoonni yeroo sana turan ragaa bahu. Dhaaname jedhee jiilee Afaan orommotin sirbuu lagatee hin beeku. Waan hin taane hin qabnuum dhiiro! Yoo weellistonni Oromoo lakkii afaan keenyaan malee afaan hin beeknen hin sirbinu jedhanii rincicanii didan, kaasseta isaani irraa bilisaan irraa fudhatanii ofii Miliyoonatti gurgurataa turan habashoonni. “Koloniin qabeenya keenya kan kalaqaan argannellee nu saama turte” kan weellisan Kadiir Sa’id jedhee waanuma dhugaati.
Waan hundaafu, kan kana hunda na haasofsiise sirba weellisa kabajaama kanaa kan dhuma 60nii keessaa weellifame tokko. Bilchinni walaloo isaa raajiidhuma. Sagalee isaa kiilolee sanaan yeroo suuta halalaasu dhageefatamee hin quufamu. Akkam Nagumaa Fayyumaa! walaloo sirba kaana kan barreessee Daandanaaf kennee Shawaalul Mangistuu nama jedhamtuu dha. Shawaalul yeroo sirna Nafxanyaa sana Raadiyoo Toophiyaa kan Harargeedha tamsa’u kutaa Afaan Oromoo keessa hojjataa akka turtee fi kennaa addaa walaloo barreesu akka qabdu dhagaheera. Qabiyyeen fi bilchinni sirba kanaa waan baayee na ajaa’ibsiisef akka armaan gaditti walaloo isaa kaa’eera. Yoon tarii irraa goree fi akka sirbicha keessa jiruutti hin kataabin hafee balleessaa kooti na oofkalchaa!
Akkam nagumaa fayyumaa
Hiriyaa hin qabuu kophumaa
Dhuftee na ilaaltus gaarumaa
Akkam nagumaa fayyumaa
……………………………………
Eessattiin si argaa
Garamii karrisaa
Mee nama naa dhaami
Bakkeen jirtu Eessaa
Yaa damme Yaa dammee
Yaa damma bulbulaa
Ani hirriiba dhabee
Suman yaada bulaa
Akkam nagumaa fayyumaa
Hiriyaa hin qabuu kophumaa
Dhuftee na ilaaltus gaaruma
Akkam nagumaa fayyumaa
———————————-
namni na ilaalee karaa na ceesisa
Gidiraan jaalala sihi na feesisa
Garaallee rakkinaan
sabbatan hidhannee
Ijaa ammoo akkam goona
kan ilaaltee hin obsinee
Akkam nagumaa fayyumaa
Hiriyaa hin qabuu kophumaa
Dhuftee na ilaaltus gaarumaa
Akkam nagumaa fayyumaa
———————————–
Bakee ati jirtu qalbiin koo na yaadde
Numaan ciisa malee hirribnis na didee
Nagaayatti nagayatti nagaayan jiraadhu
Guyyaa tokko dhufee hangaan si dhungadhuu
Akkam nagumaa fayyumaa
Hiriyaa hin qabuu kophumaa
Dhuftee na ilaaltuus gaaruma
Akkam nagumaa fayyuma
hoo…hooo..hooooy…….
hoo..hooo….hoooy……..
Guutuu sirba kanaa armaan gadditti caqasuu dandeessan
Click here to view the embedded video.