Soraa Halakee|Raadiyoo Sagalee Ameerikaa

Amerikaan haga ammaatti perzdaantii Obaamaa waliin perzdaantii 44 qabaatte,marroo 57 muuddee hujiitti ergatte.Namii tokko marroo lamallee waan filamee muudamuuf akkana.
Perzdanatii Obaamaan barana muudamu kun gaafa ganna afuriin duratti fialme waan hedduu waadaa gale waan hedduu guutatellee waan hedduutti irraa hafellee taatullee akka xiinxalyaan siyaasaa Jawaar Mohammed jedhetti,namii haga malee Obaamaa irraa wa eegate.“Jijjiiramii innii fidee fi dalagaan inni dalages tarkaafileen innii fides waan nama hawwate…nama hedduutti isa firoomsate….nama gurrraachaaf Obaamaan perzdanati tahuun isaanii kabaja guddaa.”Akka Jawaaritti ammoo namii adiin perzdaanti Obaamaan perzdaanti tahuun nama adii fi gurraacha bara hedduu wal jibbee gargar faagate walti fidee wayyeesse jedhanii abdiin eegatan.
Perzdaanti Obaamaan yoo hedduu abdii dubbata,obsa dubbata, seenaa Abrahma Linkon faarsa,namii cuftii faaydaa biyyitii qbdu walqixxee qabaachu qabaa jedha.
Adoo tana jennuu perzdaantii Obaamaa irraa waggaa afran dhufaa maan eegdan,adoo maal hojjatee,dubbatee ykn mari’achiisee feetan?Mee nuu barreessaa marii Jawaar Mohaammad Gaafannellee as tuqaa caqasaa.