Gammachuu Baqqalaa Lamuu
This poem narrates a journey through time: an elderly Oromo tells his worries and aspirations to the drowsy Caalii Shoone. The later was a traditional leader of Illubabor.
Click here to view the embedded video.
Ka’i Caalii, Shoonee maa nu gattee raftaa
Qe’ee abba keetitti irribaan moo’amtaa?
Maal maal dhabde Shoonuu, maaltu sitti hir’ate?
Ciisa keet dheerate, maa barii jinoofta
Lakki keet baayyate, maa jinni nutt hoofta?
Ka’i bariidhaani daarimuu mil’adhuu
Ayyaana Abbaa keeti, Iluu nu kadhadhu
Sadaatii Bureefi, Abdaarii Mattuufaa,
Leencaa Saddeqiyyoof , Maaramii Goreefaa
Ka’ii maqaa waami bari hin jinayini
Muu yaa caalii shoonee, nu jalaa hin didini.
Huursaan kurruuffi kee inni sooriin keessa
Hojjaan araara kee, Fiixee Hambabbeessaa
Bareeddni surraa kee akka Abba Booraa
Baayyini arjummaa kee akka ogiyoo Mooraa
Miyaan firummaa kee akka damma diiduu
Bal’inni garaa kee, adii akka dhadhaa kee
Muu yaa caalii shoonee…
Hinjoorta jedhani abjuun joortuu taatee
Qe’ee kee dagattee, adaadaa kee gattee
Ayyaana abba keetii irra tarkaanfatte
Hin joorta jedhani, abjuun joortuu taate.
Yoo irribaa mootee na dhageessa taatee
Kanan sitti himaa, kanan sitti dhaama
Caalii mootii iluu, Caalii abba Daamaa.
Muu ya Caali Shoonee…
Maaluma si goonee…?
Waddeessaaf Qilxuu, Ejersaaf Birbirsa
Gaattiraa fi Burii, Waarkaaf Hanbabbeessa
Kaleessa nuu dhaabdee nuus keessa fiigneerra
Bosonuu hordofnee qeerransa argineerra
Kuruphee ariinee Leencaa afaan buufneerra
Qalameetti Wacnee, nutti kofalteetti
Jaldeessaatti duullee, jarris caraanteetti
Booyyee faana dhoofne, xissaa argineerra
Simbirroolee wajjin bishaan waraabneerra
Malee Caali Shoonee,
Yoom dirreen abba kee qabbana dhaberee?
Bara beelli dhufee maccaan nyaata dhabe
Si’i kan obaasee, bishaan itti qabe
Sii kan nyaachisee cabatti qallabe.
Marti mukooliin kee, baattotni firii dha
Oha fudhaa jedhu na nyaadha, nyaadha
Lafti kee garraamiin hunda biqilchitu
Isa ishe qotus isa isheef qotus
Lakkii hi‘iii hin jettu.
Aha yaa Caalii Shoonee…
Taa’aa nyaadhaa beettaa kanatti si beekna
Ta’a dhugaa beettaa kanaan si iyyaafannaa
Bishaan si kadhannaan, aannan nuu kennitee
Midhaan si kadhannaan, sangaa nuu jigsitee
Malee Caalii Shoonee
Rakkoon sitti hammaattee yoom gad si ciibsite.
Maal yaa Caali shonee,
Ilmaan kee hin beekna, gaggaari turani
Kan aadaa ulfeessan kan safuun bulani
Kan qe’ee kee eegan, sa’ootaa kee tiksan
Buna kee funaanan, ogiyoo kee gogsan
Kan siif abboomaman gaggaaronni suni
Sirba aada jaraa buruuree sirbanii
Wasee koo wasanee,
Lubee yaa Lubaaba
Shoolee walalaa dammaa
Kommee wal-araarfanna, hin jedhu turani.
Mee Yaa Caalii Shoonee,
Maali yoom badanii, sii irraanfatanii?
Ayyaana abbaa keetii, gufuutii hirkisanii?
Ilmaan kee dhalchite jiran darbe darbee
Kan maqaa kee ol-kaasani akka gaara Saambee.
Garuu baayyeen jaraa…
Kunoo rafaa jiru barii jaraa keessaa
Ofitti farrisaa farra nutti fiduu
Ayyaana kee tufaa, ajaja kee diduu
Baayyeen dhumaa jiruu..
Handaqii doofummaafi hiyyummaa haammatanii
Jireenya hin moonu haraama jedhanii.
Baayyeen jaraa jiruu…
Qe’ee ati bareechitee kosi itti gatuu
Obdii dirree Sirbaa, harree itti hidhatu
Lafa boqota kee, bakkee itti ba’u
Dirree araara kee lolaaf itti wal ga’uu.
Maal yaa Caalii Shoonee
Maaluma si goone…
Ka’I irribaa ka’I, Ammas na dhaga’i.
Ilmaan kee jajjaboon kan Qeerrensaan lolan
Harra eessa jiru, harra eessa galan?
Qufaa dhukkubaatiin, utaalloon dhumanii
Funyoo hawwii foonii, foo’uu dadhabanii
Luugama jireenya, qabuu dagatanii
Gaangee iji jaamaa barii gulufani.
Ah! yaa Caalii Shoonee…
Mee ka’i nutti himi, seenaa bara keeti
Seena sirba durbaa,
Seenaa dhungoo sanaa!
Bara nadheen durbaa
Bara dhiiri yaadu,
Bara cidha dhugaa.
Baala Sokokkee, baala sokokkee
Eedhaqxaa soddee, naafa gotottee
Cab akka….
Ah! Yaa caali shone
Maaluma si goonee?
Ah… Yaa Caalii Shoonee
Eebbati facaafte, ofitummaati hamee,
Hiyyummaat sassaabee;
Calle ati nuu dirtee, doofummaati facaasee,
Of-dhiibuuti harraabe.
Maaloo Caalii Shoonee… Ka’I ka’I irribaa
Ka’I nuu kadhadhu!
Barri irribaa kuun Akka Bokkaa Leeqaa
Shaa jedhee ha caamu,
Akka bishaan Gabbaa saffisaan ha deemuu .
Jedhi nu eebbisi!
Akka gubbee Kuundii Calaqqisaa jedhi
Akka gaara Saambee mumul’adha jedhi
Burtukaana Noophaa walitti ha taanu
Akka bishaan Kidaa walitti ha yaanu
Akka hambabbeesa ol ol ha guddanu
Akka Gondaa qarsaa waliif ha tumsinuu
Akka fattee Caffee wal duuka ha iyyinu
Jedh!i nuu eebbisi…
Mee ya Caalii Shoonee
Araara nuu kenni yoo waa si yakkine.
Ija asheetaa taanee
Gubachaa xaaxofnaa
Urrunguu fakkaannee
halkaniin gungumna
Maaloo…
Adaraa Abba boora
Lafee faxxansaatiin
Si qabe ya Caalii
Mee mala nuu mali!
Goreen si nageenyaan, Mattuun si dhageenyaan
Bachoon si dhageenyaan, Hurrumuun si beeknaan
Beddeleen si beeknaan, Daarimuun si beeknaan
Chooraan si dhageenyaan, Daalleen si dhageenyaan
Diiduun si kabajnaan, Algeen si kabajnaan…
kana ittin naa gayii Ilmaan Abbaa Booraan.
Akkas ittin jedhi!
Ogummaan jiraadha… doofummaan qaaniidha
Beekumsa hordofaa … of baruun gaaridha
Hojiin cubbuu miti jinniin wal hin qabu
Namni hojiin wal-qabu jireenya hin dadhabu.
Akka osolee qarsaa obsaan wal urursaa
Akka akkoof akaaka jaalalaan wal gorsaa
Dhaga’u hin dhageessu hin hubanne malee
Hubachuu hin hubattuu hin jiraanne malee,
Jiraachuu hin jiraattu, bor hin yaadne malee.
Bor amma yoo ka’ee gaaffee nu gaafate
Kan deebisu jiraa kaleessa yaadatee
Utu itti hin qaana’in kan darbe iyyaafatee.
Jedhii naa gaafadhu, yoo ilma Iluu taate.
Yaa Caalii shoonee koo…
Irribaan jinooftee raftee na dhageessee
Igaa hin irraanfatin!
Iluutti naa dhaami wantan sitti odeesse.