Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Guyyaa Luuppii Oromiyaa

$
0
0

Barreessituun: Lanjoo Galchuu Idaáa

Kun Gaaffii fi Deebii Gaazexessaa Misoomaa(GM) fi Abbaa Qabeenyaa(AQ)ti. Xinxalaa!!

GM: mee maqaa keessanirraa haa jalqabnuutii maqaan keessan eenyu?

AQ: Dhugaa dubbachuuf sirna darbe keessa haalli mijataan maqaa keenya itti-himannu hinturre.An maqaan warri koo naaf baasan Dureessa. Maqaadhuma kanaa dhoksaadhaan Amaarinyaan”Habtaamuu” jedheen himachaa ture. Amma garuu mirga guutuu mootummaan nuukenneen loogii tokko malee maqaa keenya himataa jirra.Kana malees,kan ajjaa fi suufii gurgurus bashannanaa ajjaafi suufii baadhatee,kan koobilii dalagus tuuttaasaa kaawwatee,  inni loon furdisus jabbiisaa hidhatee,garaagarummaa tokko malee akkuma Sheek Mohaammad Alii Alaa- Muhiddiiniifi fi Giiftii Duree Azeeb Masfin tokko shaneefi raayyaa misoomaa cimaadhaan ijaaramnee waldhaadhaan gurmaaúun moggaasni maqaa mirga waan taéef Dureessa tokko mitii Dureeyyii jedhamnee jirra!!

GM:Tole Obboo Dureeyyii qabeenya amma argattan kana akkamiin horuu dandeessan?

AQ: kunoo lafa gamaa sana ilaalii….argitee?

GM: eyyeen lafa baláa warshaan irratti jaarame sanaamii? Argeera

AQ: lafti sun duraan lafa abbaa keenyaa ture, anumtuu waggaa baayyeef qotadhee dhiibee’rraa galfataan ture.Booda garuu ogeeyyiin misooma qonnaa gorsa nuu kennaniin qonnarraa gara indaastritti guddattan jennaan lafa koo inveentarootatti gurgure.Maallaqa beenyaadhaan argame ammo hidha laga abbayaatii boondii yoo murtan birriin isinii taaá nuun jennaan jaalala biyyaa argatuuf maallaqa koo arjoomee kan harkaa qabu fixadhe.

GM: Sana booda hoo?

AQ: Sana booda maal nagaafatta ree? Tarsiimoo mootummaan nuudiriirseen hoolaan gorsa guyyaa luuppii Oromiyaa hojjirra oolchuudhaan qusannaa maatii fayyadamtu takka waggaa shaniif osoo hindhal’in erga turtee booda karoora guddinnaafi traansdiameenshinii buúura godhachuun ilmoolee shani dhalte. Kunoo yeroo amma Galannii Mootummaa keenyaa hinbadiniitii haadhoo hoolaa sana wajjiin hoolota jaha horadheen tarree biyyoota guddachaa jiran kan akka ChaayinaaFI Kooriyaa gahuuf halkanii guyyaa hojjechrratti argama .

GM: Hoolota buáa tarsiimoo mootummaa misoomaawaa taán kanneen gara-fuulduraa maal gochuu yaaddu mee?

AQ: Eegan hoolonni kunniin ammaantana gara guddattuu giddu-galeessaatti cehanii jiru.Nutis carraa mootummaan nuu mijeesse kanaan gara invastimantii gurguddoo Reée huqqattuu furdisuutti dabruuf karoorfannee itti-deemaa jirra!!

GM:Mee dhaggeeffattootaafi daawwattoota keenyaaf dhaamsa maalii qabdu?

AQ: Ani kanaan jechuu barbaadu lammiin kamuu waan mootummaan jedhe dhaggeeffatee akkasumas daawwatee akka jedhanitti kan haasaú yoo taé Dureessa tokkichaa mitii Dureeyyii fi Abbootii Qabeenyaa jedhamee Sheek Mohaammad Alii Alaa- Muhiddiiniifi fi Giiftii Duree Azeeb Masfin wajjiin walgaíi taaée ‘Raadiyoon dubbatee ,Tv’ mullachuu dandaá.

GM: Galatoomaa

AQ: Homaa miti !!…Anis afaan duwwaa hindubbannee waan akka durgoo arraabadheera.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles