Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Bud-dee-natuu Cufe?

$
0
0

gadaameessi aayyo
kan gameessa dhale
gudeenni aabbiyyoo
inni dhalche biflee
galma dhabe jedhaa
dhaloonni si’anaa
biddeenatu cufe
fuula galmee seenaa…!

abbootin gadaadhaa
Gadaawo Galgaloo
Yaayyaa Foollee Jaarsoo
Baabboo Gannoo leelloo
Daawoo Borbor Maddaa
Liiban Jaldees-maaloo?
Guyyoo Goobbaa dhagahi
Guyyoo Margoo haloo?
Ganna 8 bulchaa
bonni dhiibbaa-dîgdam
afur jala galoo~
gadaan walii-galaan
waliin-bahaa aaloo*

Yaa Abbaa Gammachiis
Oneesmos lub-lubaa
Sheek Bakri Saphaloo
ulaamaa’a eebbaa
lubooti amantii
ulaamaa’in  jabaan
ayyaantuufi qaallùun
marti-amantiin sabaa
hordoftooti amantii
amantiin kan abbaa#
sobi saba dhaalee
dhugaadhaaf lallabaa!!

guddifachaa moggeen
hunduu aabba-lamii
seera isaa guuttatu
moggeef guddifachaan
addaa miti ilmi
gurraacha kusheetiik
“seemaayawwi”n seemii
biqila-oyruu argee
hawwaannis-girrisee
callaa nyaate rirmi#
humnaan itti-darbe
Orom-qorqee ormi!!

*****************************

Waloon:Lanjoo Galchuu Ida’aa

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>