Osoo qabeenya qabuu akka hin qabne tahee
Biyyarraa bahuun dirqama itti tahee
Lubbuu isaa baasuuf biyya ambaa gahe.
Hidhaadhaan jaanjawee namummaa hanqisee
Ofiin of tahanii jirachuun rakkisee
Qabeenya qabu biraa dheebuudhaan beeleeysee
Warraaf maatii isaa hunda itti dhiisee
Biyya ambaatitti lubbuu isaa baase
Roorroon biyyaa baaftes jala tarkaanfattee
Biyya ambaa keessattis meeqa galaafatte
Garii ajjeesuun kaanis hidhatti guurte
Dabarsanii kannuunis meeqa biyyatti darbite
Hedduutu maraate osoo yaadaan hiraaruu
Baay’eetu gatame osoo jireenyaaf jooruu
Roorroon biyya ormaas miila itti fuudhee,
Haga hin qabu kanneen if hudhe.
Dhaabbiileen addunyaa tokko nurraan hafne
Waggaa meeqa guutuu iyyinee iyyannee
Kan furmaata kannu tokkollee dhabnee,
Rakkootti harka laachuu carraa keenya goone.
Dhandhamnees waan hafnu hadhaa fi rakkoo
Bari’uun hin oolu abad guyyaa tokko.
Bari’uun hin oolu abad guyyaa tokko.
””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””””
Kan barreesse Najiib Zannuun /MARSIMOONAA/