Soorgoon mammaaksa obsaa
Obsaan aannan goromsaa
Caalaa“ጩቤ ጨበጠ”
“አበበ በሶ በላ”n
Quufe iyya xixiixee!!
Dhuma seenaa aseennaa
Cidha “እምዬ ምንሊክ”
Abbabaa bachoo nyaatu
Qaranaan garbuu lixnaan!
Caalaan qubeen qaqabee!!
“ሀ ሁ ”n dabtaraa cite!!
“ቅኔ”mi qabsoon
Qaqawwee qawwee…
Qeerransi ni owwaataa
Ootuu barrii baranee
Baraaf furguggeen tarraan
Abbabbaan farra hawwee!
Hamoommatee “ግዕዝ”
Ni liqimsa “ሀ ሁ”
Lammiin qubaan mirmirsee
Qubeesaatiin haasawe!!
————————————–
Kan Walaleesse: Eebba Coqorsaa