Walaleessaan: Eebba Coqorsaa
====================
Duumessi duuba goraa
Goraatu kattaan muraa
Kittaantun hortee ciraa
Suuraan hoffaa safaraa
Suuraan fafaa numoo’ee
Maraan martoon dukkanaa
Huurkuun hurrii ejjeera!
Hurriin ree akka’n inqabuu
Aakkeedhaan mammaakamee
Mammaakisaas himamee
Yoo mala birrii malee
Mala jiruuf jireenyaa
Mala sirrii hindha’uu
Hurrii guduunfaa ijaa
Aduun naatoo keen inba’u!
Qabbanti kee gubaadhaa
Akka gaara saannatee
Akka gaara baanbaasii
Akka boolla xaraadhaa
Xinxanaa aduu roobaa
Raammoo muka hujubaa
Kan owwiinsaan dhaamotuun…
Kan qorriinsaan gubatuun…
Yaa booroo waaqi’n laalin
Dumeessa hurrii foo’aa!
Hurriin dheebuu nunfallee
Dheertuun haasawa hurrii
Kan harree’n inalaakneef
Kan gaangeen dhala’n laannee
Aduun ni bahaa’n eegin
Biiftuun bakkalcha barii
Dukkanaan inmullanne!
Hurri daandirraa gorii
Horoon aduun bitattuu
Horaafi haraan hintaatuu
Irreechi kee ni gogaaa
Gogiinsi kee raawwatu!
Goggiinsi kee kalleedhaa
Kaleen har’a siintaatu
Hari’s kaleetti irkataa
Irkoon bar-jireenyaa
Irreen aartuu kattaadhaa
Qaxxiftuu qilxuu dharaa
Qirixiin qaccee yaraa
Irkannoonsaa haa lootu!
Irkannoo hurriin roobse
Hurrituu aduu mayse
Mataa namaatuu bayse
Boola jiruufi jireenyaa
Hurrii awwaaldiigesse!
Awwaaldiigessa diigaa
Awwaala qomoo keetii
Ekeraa lafee dhiigaa
Aduun hurriin dhokfamee
Dhalli dhaabbitti muugaa
Baddee badi babbaddee
Haalamtee jirta dhuagaa!!
===================================
Adoolessa 28, 2013