Kan walaleesse: Eebba Coqorsaati
Waan aaddee weeddisteen
ayyaan-kan kee himaa…
garbi Sagaltamaa
Booranni sagaliif
Baareentummaan
uumaa…
Birraa siin guutamaa!~!
Kabaja kan keetiin
keessaafi alattis
sabni walitt-timaa!!
Qaalluu saba bal’aa
Ayyaantuu uumamaa!
Dhiibuu laf-bishaanii
kagalaanni ciisu
rukkaa laf-bosonaa
kabaddaaf gammoojjii
wal-tahee dhimmisu
sagalee kan keetti
Orom-yaa’aa… sochoosee
orma kan naasisu!!
Birraa si qabattee
kookkoon si taphsiistee
seena kee gurguruuf
dhoqqee sitti laaqxee
si xureessuuf yaaltus?
Qaalluu sabaa ta’uuf
Afran Qal’oo ragaa
ayyaanni ati-qabdu
laga harreetii ka’ee
nam-harroomee rigaa
dirreen ati baate
dirree diina dhawaa
dirree sabaaf dhiigaa!!
Bona 10fi ganna 3 keessa
Birraan haa bar’uuf
“Birraan Bari’e”
jechaa?
Hawwaa turte dhugaa!
Qaalluu sabaa taatee
Bir-geesse bar-hamaa
Shantammeessoo Waggaa (#50)
Birraa kudha sadiin
ayyaantuu ta’uu kee
kutaa Jahaan barree
Qaalluu ta’uu keetiin
kukkutaa orma-iyyaa
ayyaani kee dabree
gamtaan Orom-biyyi
sijala hiriire!!!!!
Ayyaan-kee calaqqii
Kaleefi ar’allee?
Silaa eebbi jiraa
Eebbisaa Adunyaa
‘‘Yaa biyyoo na nyaatiin…’’
jedhaa dhabe fira?
Usmaayyoofi Yooseef
Maaraame tan Harqaa
jaallee Ahmad Taqii
“yaa hundee bareedaa
yaa fiinxee miidhagaa”
Birraan bar’u didee
Warri jedhaa dabre
“haqa dhabnaan maqaa!”
Maal argatan beenyaa?
Lubbuu dhugaaf aarte
ibiddi hingubuu
kan dur jedhe waaqaa!
Jaallan faana dhahaa
karaa jalaa hiqaa
Galma Abba Gadaatiif
Murannoon warraaqaa!!
Muka jiidhaa ‘inmurtuu
lubbuu-qabeeyyota
Ayyaantuufi moortuu
addaan ‘inqoqoodduu
garraamummaa keeti
harariif amaarri
Soomaaleefi firri
Arabaafi Suudaan
kan ittiin ragaddu
yeedaloo kee weeddu !
Xilaahun Gassasaaf
Buzunash Baqqalaa
“haagar fiqiriifi
raas-tiyaatir”-itti
“kibur zabanyoo”-ti
Sabaan fanfansanii
gaafa-bookeen iddu
Sirba keetin boocheef
lammii gaddee gadduu!
Qaallummaa kee
Dhoksuuf…
hortee kee
dhaabsisuuf ?
Jaldeeyyiin qe’eetti
haaloo si-bbahaniis…
qaalluu sabaa ta’uu
hurriin ‘inuwwisnee
aduun inbaqsinee
Birraa Alii Boonaa
ta’uu dawaa finnaa
Swiidish si bartee
Embaasiin Finfinnee
Bargittaa Astroom
boojuu kan kee taatee
filte sitti-heerumte!!
Birraan biyyaaf abbaa
Birbirsa Dhaabechaa
Jila Goodaa jennus
jiraa namaa jennus
tari nan xinneechaa
hinjilbiiffachiifnee
shirri nyaapha dacha
jaalalaafi jibbaaf
weellisaa taphachaa
Lossaanjalas galee
Akkaadaamii Aartii
keessatti malatuuf
mal-ardii booyichaa?
Inni ree Hayyichaa!!
Birraan gaaf-bari’e
Oromiyaa’rratti
“Dabtarri kabajaa”
Doktara maqaati
Ardii Afriikaatirraa
Mooti Sirbaa ta’uun
Biyya Kaanaadaatti!
Loog-alagaa miti?
Herrega dabtaraa
Haq-Oromummaati…!
Dr.ALI BIRRAA…
Tana goolabne!
Tuun harka Rabbiiti…