Quantcast
Channel: The Gulele Post
Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Madaa kootu hin Qooru

$
0
0

Ni aarta, daftee mufatta jedhanii natti himuu

Namticha aartu sana jedhanis na waamu

Inni dafee aara obesee hin dabarfatu

Yaada isaa tasgabbiin danda’ee hin ibsatu

Jedhu ana duubas baayee na hamatu

Dallansuun fira kee kolfi alagaa kee

Aariin kee baay’atee obsii kee maa xiqqaate

Jedhee natti siqee namuu na hin gaafatu

Dallansuu koo faarsu isaan na hamatu

Aari koo leellisuu  foon koo na ciratu!

Madaa wayii beektu madaa kan mogolee

Kan nama hin teessifne diriirfatan malee

Kan nama hin deemsifne yoo tiratan malee

Madaa kanan qaba Abbaa koorraan dhaale

Innis natti himeera Akaakan akka eegale

Tarii fayyaa jedheen madaa koon kunuunsa

Qorchaa barbaaduuf oggeessaan dubbisa

Suutan tarkaanfadhaa obseetan gubaasa

Innii fayyuu didee daranuu kulkula

Ni qooraa yoon jedhe itti hammaate bula

Yookiin summiin isaa garatti dacha’ee na fudhatee hin darbu

Yookiin madaa fayyee fayyaa isan hawwu ija koon hin argu

Ni aara naan jedhu obsee hin dabarfatu

Madaa koo kanatti falaxaa itti horfu

Isan an sossobee kunuunse kunuunsee  qoorsu

Isaan guyyaa guyyaan na jalaa boochisu

Miirri dhukkubbii isaa qaama koo bobeessaa

Muddaa mudhiin isaa na dhoweera deemsa

Madaa kootu hin qooru maafan aaruu dhiisa

…………………………………………

Tasfayee B. Birmajii

Ebla 16, 2013

Bonn, Germany


Viewing all articles
Browse latest Browse all 284

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>