WASHINGTON, DC — Bakki jireenya ishee Kaaliforniyaa keessa kan ta’ee fi Nersii ta’uun kan hojjattu Obsee Taddasaa Luboo ijoollee Oromiyaa keessatti dhukkuba onneen rakkatan gargaaruuf carraaqaa jirti.
Yeroo sana irraa jalqabdee biyya alaa keessatti kanneen ijoollee kana gargaaruu danda’an eega barbaadaa turtee booda ijoolleen sadii wal’ansa fayyaa baqaqsanii suphuu akka argataniif Obseen gara Hindiitti geessitee eega wal’aansistee booda gara biyyatti deebistee jirti.
Ijoollee sadan kana keessaa tokko kan umuriin ihsee waggaa saddeet ta’e Caaltuu Magarsaa onnee fi sombi ishee guutummaatti jijjiramuu akka qabuu fi wal’ansi akkasii biyyoota akka Amerikaa fi Awuroopaa keessatti malee iddoo biraatti kan hin danda’amne ta’uun itti himamee jira.
Lubbuu Caaltuu du’a irraa hambisuuf Obseen carraaqiin ishee itti fufeeera. “Waa’ee koo hin irraanfatiin” kan jedhu galfata Caaltuutu na harka jira jetti.
Gaaffii fi deebii gaggeeffame armaa as tuqaa caqasaa.